Back

Leenjiin hoggansa magaalaa Roobetiif kennamuu eegale

Leenjiin hoggansa magaalaa Roobetiif kennamuu eegale

Sadaasa 7, 2017

YNO

*

Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa(YNO) hoggansa magaalaa Roobeetiif leenjii kennuu eegalee.

YNO mataduree mootummaa intarpurunaraa fi kenna tajaajilaa irraatti hoggansa magaalaa sadarkaa olaanaa hanga dursaa gareetti jiraaniif kennuu eegale. Leenjii kana haasa saaqinsaa kan taasisan kantiibaa magalaa Robee Obboo Nigaatuu Mootummaa fi I/G waajjira paartii Badhaadhinaa magaalaa Roobee Obbo Jamaal Garoo akka jedhanitti, YNO  humna dandeetti raawwachiisummaa hoggansaa magaalaa keenyaa cimsuufi  beekumsa waqtawaa ta’e akka gonfannuuf iddoo jirrutti argamee leenjii kana waan nuuf mijeesseef galata qabna jedhan. Hoggansi leenjii kana irraa bu’aa argatee hojiin akka agarsisuuf ergaa dhaamanii jiru. Akkasumas, qindeessaa leenjii kana kan ta’an Dr Qaasim Caakisoo haasaa taasisaniin YNO uummata Naannoo Oromiyaa darbees kan biyyattii fayyadamaa taasisuu keessatti barnoota, leenjii, qorannoofi qo’nnoo fi hojii tajaajila hawwasummaa irratti xiyyeeffatee kan hojjatu yoo ta’u, leenjii kanaanis hoggansa magaalaa Baalee humnaafi beekumsa qabu  akka duguugee fayyadamuu danda’u kan nu gargaarudha jedhaniiru. Leenjiin kun guyyaa sadiif kan kennamu ta’uu hubatameera.

 

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!

𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et

𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU

𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity

𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133

𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Leave A Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *