Sirni walharkaa fuudhinsa sanada qorannoo taasifame
Sadaasa 07/2017
YNO
YNO Sirna walharkaa fuudhinsa sanada qorannoo Bulchiinsa magaalaa Bishoftu wajjin raawwate. Sanadni qorannoo ”Bishoftu smart city baseline study and projects implementation strategic plan’’ kan jedhu Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin qoratamee kan dhiyaate yoo ta’u, I/P/Dhimmoota Qabeenyaafi Misoomaa YNO Dr Riyaad Daawud haasaa taasisaniin, YNO baruufi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo, gorsaafi leenjii dhimmoota gara garaa irratti paablik sarvaantii gahoomsuuf ergama itti kenname fudhatee adeemsisaa jiraachuu ibsuun, YNO qorannoowwan garaa garaa naannoorra darbee naannolee ollaatiif hojjechuun rakkoo hawwaasaa furuufi walitti dhufeenya jiru cimsuu kessatti hojii gurguddaa hojjachaa jira jedhan. Akkasumas haala hojiirra oolmaa bu’aa qorannoo kanaa irrattis isin cinaa dhaabbannee milkaa’ina isaatiif ni hojjenna jedhan. I/A/kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Aadde zaaraa Kadir, YNO galateeffachuun magaalaan Bishooftuu qabeenya uumamaafi namtolcheetiin kan badhaateefi gidduu gala turizimiif kan oolan akka qabdu ibsuun qorannoon YNO’n hojjatame kana galtee godhachuun waliin taanee yoo hojiitti hiikne biyya keessaafi alaaf magaalaa Bishooftuu gidduu gala turizimii taasisuun jireenya hawwaasa keenyaa mijataa gochuuu keessatti qooda qaba jedhan.
Akkasumas, I/W/P/ Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Dr. Abdullaziz Daawud, YNO ergama gurguddaa itti kanname itti gaafatamummaan raawwachaa kan jiru, bu’aa qabeessummaafi gahumsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa cimsuun, imaammatoota mootummaan baasu gamaggamuu, madaaluufi yaada kennuu, akkasumas naannolee gidduutti walitti hidhaminsa uumuun hariiroo hariiroo cimaa uumuu keessatti qorannoon deeggaramee raawwachaa kan jiru ta’uu ibsuun YNO galateeffataniiru. Dabalataanis, magaalummaa namaafi itti fayyadama lafa keenyaa Lafaa keenya pilaaniin hoogganamuun Magaalonni keenya magariisa, qulqulluu fi jireenya namaaf mijooftuu ta’uu waan qabduuf, bu’aa qorannoo kanaa galtee godhannee hojiitti hiikuu irratti waltaanee hojjechuu qabna jedhan. Xuumura irratti sanada qorannichaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu wajjin sirni walharkaa fuudhinsaa raawwateera. Walharkaa fuudhinsi kunis bakka hooggattoonniifi qorattoonni YNOfi hoggantoonni magaalichaa, akkasumas keessummoonni kabajaa argamanitti gaggeeffameera.
: www.osu.edu.et
: https://www.facebook.com/YNO.OSU
: https://t.me/OromiaStateUniversity
: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
Hordofaa!
