Skip to content Skip to navigation

Hojjattoonnii fi barattoonni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa guyyaa dubartootaa (March) 8 marii paanaalii fi sagantaalee bashannanaa adda addaatiin kabajaniiru. 

Akka biyyaatti waggaa 47ffaaf kan kabajamu guyyaan dubartootaa mata duree "Ga'ee dubartoonni nagaa buusuu keessatti qaban" jedhuun mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti kabajameera. 

Dubartoonni miidhaa fi dhiibbaa sirnoota darban irra gahaa ture cabsuun guddinnaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataa jiru kan jedhan pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramaaw Hulluuqaa, offitti amanamummaa fi gahoomina irra gahan kana cimsuun gaggeessummaa isaanii guddifachuuf hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

Dubartiin barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan irratti adda durumaadhaan qabsaa'uu akka qaban kan hubachiisan oggeettiin Minsteera Aadaa fi Ispoortii irraa affeeramte, Addee Woynisheet H/Maariyaam dubartiin nageenya buusuu keessatti hirmaannaa olaanaa taasisuu akka qabdu hubachiisaniiru.

Bitootessa 01, 2015

YNO

English

Guyyaan Dubartootaa (March hawaasa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kabajameera.

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).