Skip to content Skip to navigation

Gareen Oggeessota hojii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa magaalota Finfinnee fi Bishooftutti argamuun muxxannoo hojii qoodaman. Gurraandhala 15,2015 YNO Gareen kun Yuunivarsiitii Siiviil Sarviisii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti akkasumas Institiyuutii Maanajimantii Itiyoophiyaa wiirtuu Bishooftuutti argamuun muxxannoo hojii qoodamaniiru.

Ogeessota daayirektoreetii Tajaajila woliigalaa, Faasiliitii, Cee'umsa Jaarmiyaalee fi Bulchiinsa Gaarii, Oditii fi Bulchiinsa Humna Namaa kutaalee bulchiinsa hojii wal fakkaataa ta'an irraa muxxannoo hojii kan qoodaman yoo ta'u,

muuxxanichi cimina hojii dabalataatiif kan isaan gargaaru ta'u hubataniiru.

Barmaatilee hojii turan qofatti rarra'uun fooya'insa hojii fiduu hin danda'uu kan jedhan Qindeessituu Garee Muxxanoo Gaarii fi Daayireektarri Cee'umsa Jaarmiyaalee fi Bulchiinsa Gaarii Aaddee Zannabach Toomaas

muuxxannoo hojii dhaabbilee lamaan irraa argame qindeessuun hojiitti jijjiruu akka qaban dhaamaniiru.

English

Gareen Oggeessota hojii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa magaalota Finfinnee fi Bishooftutti argamuun muxxannoo hojii qoodaman