Skip to content Skip to navigation

Ergamni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiif kenname, dandeettii raawwachiisummaa paablik sarvisii Naannoo Oromiyaa fi humnoota misoomaa biroo cimsuuf riiformii hunda-qabeessa (comprehensive reform); qorannoo fi qu’annoo rakkina qabatamaa furuu danda’an; tajaajila gorsaa bu’aa qorannoo irraatti hundaa’e; leenjii hanqina gahumsaa guutuu danda’u; barnoota fedhii irraatti hundaa’e fi qulqullina qabu gaggeessuu/kennuu dha.Ergama Yuunivarsiitiicha keessa tokko kan tahe waliigalteen Koomishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa fi Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa gidduutti qorannoo sakatta’iinsa hubannoo, ilaalchaa fi gocha malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa (A survey of Perception, Attitude and Practice of Corruption in Oromia Regional State) irratti gaggeessuuf walii mallatta’eera. Sirna waliigalticha irrattis qorannichi yeroo ka’aameef keessattii gaggeessuudhaan dhiheessuuf xiyyeeffannaan akka kennameefii hojjatamuu qabu ibsameera.

Waliigalticha kan mallateessaan gama Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin, Preezidaantii Yuunivarsiitiicha Dr. Garramaw Hulluuqaa yemmuu ta’an gama Koomishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatiin immoo Komishinar Huseen Usmaan dha. Dhumarrattis, qaamni hojii kana keessatti hirmaatu itti gaafatamummaa olaanaadhaan akka hojjachuu qabu dhaamameera.

English

Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa fi Koomishiniin Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa waliigaltee walii mallatteessan. YNO/OSU 18/05/2014