Skip to content Skip to navigation

Qaama miidhamtoota, Daa’imman, namoota Dhibee gara garaatiin miidhamanii fi dubartoota harka qaleeyyii ta’aniif tajaajila hawaasummaa adda addaa kennuuf yunivarsiitichi irratti karoorfachuudhaan hojjachaa jira.

Tajaajila Inshuuraansii Fayyaa hawaasaa , daa’imman maatii harka qaleeyyii ta’an fi dhibee HIV/AIDS waliin jiraatan hanga xumura yunivarsiitii barsiisuu, namoota Dhibee HIV/AIDS waliin jiraatan deegaruu fi Carraa barnootaa olaanaa kennuu dabalatee hojiwwan baldhaa ta’an hojjachaa jira.

Hojiiwwan gama Kanaan bara 2012 keessatti hojateen birri  miliyoona 1 tti dhihatuu deegarsa tajaajila hawaasatiif olchuu danda’ameera.

Deegarasa maatii artiis Haacaaluu hundeesaatiif birri kuma dhibba shan yunivarsiitichi kan kenne yoo ta’u, hojjattoonni yunivarsitichaas birrii kuma dhibba tokkotti dhihaatu arjoomaniiru. 

Kanaan alatti Giddugala Qorannoo Aadaa fi Aartii Oromoo Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaatiin yunivarsiiticha keessatti mogaafameera.

 

 

Akkasumas tajaajila seeraa bilisaa namoota harka qalleeyyii mirga isaaniitiif mormuu hindandeenneef himata barreeffamaa qopheesuu hanga falmii dhadachaa abukaatoo ta’uudhaan mirgi akka kabajamuuf yunivarsiitichi hawaasa tajaajilaa jiraa. kanaanis namoonni  heddu bu’aa mirga isaanii akka argatan taasisee jiraa.

Bara 2013 kana keessattis tajaajila hawaasummaatiif birriin 500,000 (Kuma dhibba shan),  namoota harka qaleeyii humna isaaniitiin kanfalanii barnoota sadarkaa olaanaa barachuu hindandeennee 50 ta’aniif carraa barnootaa kennuu fi kunuunsaa fi eegumsa naannootiif birri miliyiina tokko ta’u ramadamuu isaa Daayirektoreetiin Qunnamtii Uummataa fi Kominikeeshiinii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa gabaaseera.  

 

 

 

 

 

English

Yunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hojii tajaajila hawaasummaa baldhaa ta’e hojjachaa jiraachuu ibsee.