Skip to content Skip to navigation

Adoolessa 04/11/2014

Siidaan Loreet Tsaggaayee Gabramadiin Qawweessaa mooraa Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa damee Adaamaatti hojjachiise guyyaa hardhaa iddoo keessummaan kabajaa PMNO Obboo Shimallis Abdiisaa argamanitti eebbifameera.Sirna Eebbaa irratti haasaa taasisaniin Oromoon gootota biyya tanarra darbee Ardii Afrikaaf gumaachan horatee jira,ammas dhaloonni hardhaa kun dhaloota seenaan boonu malee dhaloota seenaan booyu ta'uu hin qabu kan jedhan Presidant Shimallis kaayyoon guddaan MNO siidaa goototaaf qabsaa'ota Oromoo ijaareef ijoon dhaloota hardhaa gootummaa dhaalchisuudha jedhan.Yuunvarsitiin Naannoo Oromiyaa madda burqaa hayyoota Oromooti kan jedhan immoo Presidaantiin YNO Dr Gaarramaw Hulluuqaa dhaloota haaraa gootummaaf jagnummaa kaleessaa dhaalu horachuun seenaa,duudhaafi eenyummaa Oromoo addunyatti beeksisuuf YNO yoomuu humna guutuun kan hojjatu ta'uu ibsanii jiru.

English
upcoming events: 

Ogummaa na hawwisiisa,Umanni wal danda'e na hinaafsisa,doofummaan na sodaachisa,lolli na jibbisiisa".Looreet Tsaggaayee Gabramadiin Qawweessaa (1936-2006 G.C)