Skip to content Skip to navigation

Gocha suukanneessaa lubbuu fi qabeenya naannoo keenna keessatti mudatee akka balaaleeffatan haawasni yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa himaniiru.Hawaasni yunivarsiitichaa haala yeroo irratti mari’ataniiru.Hojjattoonni yuunivarsiitii naannoo oromiyaa gocha badii lubbuu fi manca’insa qabeenya magaalota oromiyaa gara garaa keessatti raawatame balaaleefatanGochi raawwatame aadaa fi safuu oromoon qabu kan cabsee ta’u kan dubtana haawasni yuunivarsiitichaa, aadaa walkabajuu fi waljaalchuu keenna duriitti deebi’uu qabnaa  jedhaniiru.Ummata oromoo biratti jaalatama artiist Haacaaluu Hundeessaa ajeesuun tokkummaa oromoo fi biyyaa diiguuf kan kaayyeeffate turee kan jedhan hojjattoonni yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, kaayyoon diina kun fashalaa’eeraa jedhaniiru.

Namoota qabeenyi jalaa manca’ee  aadaa  walbira dhaabachuu fi walgargaaruu tiin beekamnuun akka deegarana  dhaamaniiru.

Hawasnii yunivarsiitichaa du’a artiist Haacaaluu hundeessaa mudateen  gadda itti dhagahame kan ibsatan yoo ta’u, sagantaa dungoo ibsuufi yaadannoo sammuu taasisaniiru. Jechuun Daayirektoreetiin Kominikeeshiinii Yunivarsitichaa gabaaseera.

English

Marii haala yeroo irratti hawaasni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa taasisee

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).