Skip to content Skip to navigation

Karoora biqiltuu biliyoona 5 ganna baranaatti dhaabuuf motummaan baafatee socho’u keessatti qooda keenna ni baana kan jedhan hojjattoonni yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, biqiltuwwan gosa muka gara garaa  dhaabaniiru.Eddo magariisaa manni qopheessaa yuunivarsiitichaaf akka kunuunsuu#mce_temp_url#f kenne irratti biqiltuuwwan kanneen kan dhaaban yoo ta’u,  dhaabuu qofa osoo hin taane, kunuunsuun hoo’a gammoojjii naannoo sulula qiinxamaa hirisuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu isaa hojjattoonni yuunivarsiitichaa himaniiru.Iddoo barnootaa fi leenjii biqiltuuwwan gara garaatiin magariisa taasisuun lammii kaka’uumsa fedhii dubbisuu fi barreessuu qabu  horachuuf gargaara kan jedhan pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr Gammachuu Araarsaa,  biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuus akka qaban dhaamaniiru,  ganna darbe biqiltuu 4500 ol duulaan kan dhaban hojjattoonni YNO bara kana haala bareedaa fi magariisa ufateen biqiluu danda’eera.

Naannoo yuunivarsiitichaa magariisummaa ufatee fi iddoo hojii mijataa fi hawataa taasisuuf karoorfamee hojjatamaa jira. Kunuunsaa fi eegumsa  biqiltuwwanii fi marga dhaabameef daayirektoreetii tajaajila waligalaa taasisaa jiru mukkeen muruu dhiisuu, margara deemuu dhisuu fi balfaa  iddoo hinmalletti gatuu irraa of qusachuun deegaruu qabna.

 Kanaaf galma gahiinsa karoora magariisummaa fi bareedina mooraa yunivarsitichaatiif tumsa nurraa egamu bahuu qabnaan dhaamsa keenna.

Hojjattoonni yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Ashaaraa magariisaa milkeessuuf biqiltuu muka gara garaa dhaaban.

English

Hojjattoonni yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Ashaaraa magariisaa milkeessuuf biqiltuu muka gara garaa dhaaban.

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).