Skip to content Skip to navigation

Hawaasni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa ergaa yaamicha Muummicha Ministeera Itoophiyaa Kabajamoo Dr Abiy Ahmad guyyaa ashaaraa magariisummaa galmaan gahuudhaaf akkasumas Biyyattii Lalifte dhaloota dhaalchisuuf jalqabbiin Biqiltuu dhaabuu itti fufee jira. Haaluma kanaan guyyaa hari’allee Biqiltuu kuma shanii ol ta’u Mooraa Yuunivarsiitii fi Yuunivarsiitiin alatti iddoo kantiibaan Magaalaa Baatuu Obbo Alamuu Dawaanoo fi Itti Aanaan Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr Muluneeh Hedatoo fi Obbo Kamaal Shankaa argamanitti hawaasni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Biqiltuu kuma Shanii ol ta’u dhabamee jira. Hawaasni YNO biqiltuu dhaabbate kunuunsuun naannoo hojii fi magaalaa jireenyaaf mijooftuu gochuuf waan irraa eeggamu mara gumaachuuf waadaa isaanii haaromsaniiru. 

Gabaasni Qunnamitii Idil-Addunyaa fi Kominikeeshiinii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Irraa.

English

Guyyaa Ashaaraa Magariisummaa

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).